Finfinneen qaama Oromiyaa waan taateef, 'bulchiinsi ishees guutummaatti Oromiyaa jala galuu qaba' kan jedhu ejjannoo cimaa Oromiyaa irraa dhiyaatudha. Lakki, kan naannoo tokkoo qofa ta'uu hin qabdu, kan sabaafi sab-lammoota Itoophiyaa hudaa ta'uu qaba jechuun kan falmanis hedduudha.