Qorataa aadaa, seenaa fi Antiroopoolojii Booranaa Dr Abdullaahii Shonqoloo umrii isaanii 68tti addunyaarraa boqotan. Abdullaahii Shonqoloo bara 1958 Magaalaa Mooyaaleetti dhalatan barnoota isaanii sadarkaa duraa achuma Mooyaaleetti barachuu addunyaa barnootaa kan jalqaban hayyuu beekamaan kun barnoota isaanitti cimuu biyya keessaa fi awurooppaatti hanga PhDtti baratanii jiriu.