Biraanee Daandessaa jedhamti. Aanaa Amboo, ganda baadiyyaa Haaruu Xiroo jedhamutti dhalatte. Abbaanshee akka barattuuf ganna sagalitti magaalaa Ambootti galche. Isaan garuu gare daldalaatti goruudhaan amma qabeenyaa horachuun milkaa'u danda'an. Milkaa'inni kun ammoo bu'aa bahii hedduu keessa kan dhufa ta'u BBC waliin turtii taasisaniin dubbataniiru.