Tiraamp dhimma Ulaa Hormuz irratti Iraan irratti tarkaanfii hamaa akka fudhattu dhaadannaan gatiin boba'aa gadi bu'e - BBC News Afaan Oromoo

bbc.com
منذ 8 ساعات
Waraana US-Israa'el fi Iraan gaggeessaa jiraniin walqabatee gatiin boba'aa addunyaa erga bara 2022 as akkaan dabaleera. Baarmeeliin tokko hanga doolaara 120 ga'eera. Kanaaf sababi ijoon tarkaanfii Iraan Ulaa Hormuz irratti fudhattedha. Garuu erga Tiraamp dhimma Ulaa Hormuz ilaalchisee Iraan irratti tarkaanfii hamaa akka fudhatu dhaadatee gatiin boba'aa deebi'ee bu'eera.