Dirqamni waraanaaf guuramuu Tigraayitti raawwatamaa jiru yaaddoo uumuu isaatiin dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisun naannolee Itoophiyaa birootti baqachaa kan jiran yoo ta'u kuun ammoo naannichuma keessatti dhokatanii akka jiran dubbatu. Naannichatti sababa dargaggoonni waraanaaf adamsaman kanaaf sochiin danqamee akka jiru kan himan jiraattonni sodaan guddaan uumamuu himu.