''Mootummaan haleellaa diroonii ummata ofii irratti raawwatu hatattamaan haa dhaabu' kan jedhame dogoggorani' - Amb. Masiinga - BBC News Afaan Oromoo

bbc.com
منذ يوم
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa ergaan torban muraasa dura fuula miidiyaa hawaasaa Imbaasichaa irratti maxxanfamee mootummaan federaalaa haleellaa diroonii ''ummata ofii irratti'' raawwatu ''hatattamaan akka dhaabu'' gaafate ''dogongora bulchiinsaan'' ta'uu dubbatan.