Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) godina Qeellam Wallaggaafi Wallagga Lixaa deemuun misooma aanaalee godnichaa daawwataniiru. Pirojektiin Misooma Warqee Tulluu Kaappii fi Pirojektii Qeexoo aanaalee godichaa sadiif jijjiirama fida jedhan hojii misoomaa MM Abiy daawwatan keessaati.