Aanga’oonni tikaa olaanoo Ameerikaa pirezidant Tiraampiif haleellaa Iraan irratti gaggeessu ilaalchisuun gorsa kennuufiin isaanii erga dhaga’amee booda, kutaan BBC odeeffannoo mirkaneessu (BBC Verify) ragaalee garagaraa fayyadamuun kan adda baafate yoo ta’u, jeettiiwwan waraanaa Ameerikaa murteessoo ta’an gara Galoo Galaanaatti bobbaafamuun mirkanaa’eera.